Minnesota Secretary Of State - Waraqaa sagalee kan qaamaan hin argamneetiin dursanii sagalee kennuu (Vote early with an absentee ballot)
Skip to main content

Waraqaa sagalee kan qaamaan hin argamneetiin dursanii sagalee kennuu (Vote early with an absentee ballot)


Minnesota keessatti, hanga Guyyaa Filannootti eeguun isin hin barbaachisu—poostaadhaan ykn waajjira filannoo naannoo keessaniitti sagalee kennaa!

Dursitanii qaamaan argamuun sagalee kennuu

Guyyaa Filannoo dura guyyoota 46 irraa eegalee waajjira filannoo naannoo keessaniitti sagalee namoota qaamaan hin argamne kennuu dandeessu.

Waajjira filannoo naannoo keessanii barbaadaa

Qajeelfama kan dursanii poostaadhaan sagalee kennuu

Akkasumas waraqaan sagalee nama qaamaan hin argamnee poostaadhaan akka isiniif ergamuuf iyyachuu dandeessu. Waraqaa sagalee keessan hanga Guyyaa Filannootti deebisuu qabdu.

Qajeelfama akkataa dursanii karaa mana poostaa filan

  1. Waraqaa filannoo keessaniitiif toora interneetii irratti Afaan Ingiliffaatiin iyyadhaa, ykn waraqaa iyyannoo Afaan Oromootiin maxxansaa Waggaa keessatti yeroo kamiyyuu waraqaa filannoof iyyachuu dandeessu. Erga waraqaan sagalee kennamee booda qondaaltonni filannoo meeshaalee sagalee kennuu kan ergan ta'a.
  2. Qajeelfama waraqaa filannoo keessanii waliin dhufu sirriitti dubbisaa! Unka hunda yoo kan hin guutne ta'e waraqaan filannoo keessanii hin lakkaa’amu.
  3. Yeroo sagalee kennitanii fi waraqaa filannoo keessan xumurtan ragaa isin barbaachisa. Ragaan kun filataa Minnesotaa galmaa’e yookaan notarii ta’uu danda’a. Ragaan keessan envelopii mallattoo irratti mallatteessee teessoo isaanii tarreessuu qaba.
  4. Yoo filachuuf hin galmoofne, iyyata galmee meeshaalee keessan keessatti ni argattu. Galmaa’uuf ragaa keessan agarsiisaa
    isa kamiin akka itti agarsiifte poostaa mallattoo kee irratti mulisuun dirqama ragaa mana jireenyaa tokko. Ragaan keessan envelopii mallattoo keessanii irratti Waraqaa Eenyummaa isa kam akka isaanitti agarsiiftan mallattoo itti gochuu qaba.
  5. Erga xumurtanii booda waraqaa filannoo fi unkaalee battalumatti poostaadhaan deebisaa. Waraqaan sagalee keessan Guyyaa Filannoo booda yoo dhiyaate hin lakkaa'amu. Akkasumas waraqaa sagalee keessanii qaamaan waajjira filannoo waraqaa filannoo isiniif ergetti deebisuu dandeessu.. 

Waraqaa filannoo keessanii hordofaa

Waraqaan sagalee namoota qaamaan hin argamnee kanneen yeroodhaan dhiyaatanii fi unkawwan sirriitti guutaman hundi ni lakkaa’amu.

Haala waraqaa sagalee keessanii hordofaa, akkasumas fudhatamuu fi lakkaa’amuu isaa mirkaneessaa.