Minnesota Secretary Of State - Sagalee kennuudhaaf galmaa'uu (Register to vote)
Skip to main content

Sagalee kennuudhaaf galmaa'uu (Register to vote)


Fuula kana irratti eenyutu sagalee kennuu akka danda'uu fi akkamitti Guyyaa Filannoo dura ykn guyyaa filannootti galmaa'uu akka dandeessan baradhaa.

Eenyuutu sagalee kennuu danda'a?

Minnesota keessatti sagalee kennuuf, lammii U.S. ta’uu qabdu, guyyaa filannootti yoo xiqqaate umurii waggaa 18, fi yoo xiqqaate guyyoota 20f jiraataa Minnesota ta’uu qabdu.

Minnesota keessatti akka daa’ima waggaa 16 fi 17tti sagalee kennuudhaaf dursitee galmaa’uu dandeessa. Sagalee kennuu duras umuriin kee waggaa 18 ta’uu qaba.

Yoo murtii yakka cimaa qabaattan, yeroo ammaa murtii sanaaf yoo kan hin hidhamne ta'e sagalee kennuu dandeessu.

Abbaan murtii mirga sagalee kennuu keessan yoo haqee malee, eegumsa jala osoo jirtanii sagalee kennuu dandeessu.

Qajeelfama galmee

Teessoo yeroo ammaa jirtan irratti filachuuf galmaa'uu qabdu. Sagalee kennuudhaaf Toora interneetii irratti Afaan Ingiliziitiin galmaa'aa ykn waraqaa iyyannoo Afaan Oromootiin maxxansaa 

Guyyaa Filannoo buufata filannoo keessanittis galmaa'uu dandeessu. Ragaa maqaa keessanii fi teessoo kan ammaa agarsiisuu qabdu.

 

Yoon socho'e ykn maqaa jijjiire galmaa'uun qabaa?

Yeroo hunda yammuu teessoo jijjiirtan, maqaa jijjiirtan ykn yoo xiqqaate al tokko yoo waggaa afuriitti sagalee hin kennine irra deebitanii galmaa’uu qabdu. Iyyata galmee haaraa guutuudhaan galmee keessan fooyyessaa.

 

Guyyaa Filannoo Akkaataa itti galmaa'an

Guyyaa Filannoo buufata filannoo keessanitti galmaa’uuf ragaa mana jireenyaa armaan gaditti tarreeffame tokko fidaa.

1. Waraqaa Eenyummaa maqaa fi teessoo kan yeroo ammaa qabu

  • Hayyama konkolaachisummaa Minnesota seera qabeessa, hayyama barattootaa ykn waraqaa eenyummaa; ykn nagahee kanneen keessaa tokkoof dhiheessuu.
  • Waraqaa eenyummaa kan gosaa maqaa, teessoo, suuraa fi mallattoo qabu waliin.

2. Suuraa Waraqaa Eenyummaa fi sanada maqaa fi teessoo keessan kan yeroo ammaa qabu

Suuraa Waraqaa Eenyummaa mirkanaa'e (tokko filadhu)
Yeroon isaa darbuu danda'a.

  • Hayyama konkolaachisummaa, waraqaa eenyummaa kutaa biyyattii ykn hayyama barattootaa kan kutaa biyyaa kamiinuu kenname
  • Paaspoortii U.S
  • Waraqaa Eenyummaa Waraanaa ykn Waraqaa Eenyummaa Loltoota duraanii (Veteran)
  • Waraqaa Eenyummaa gosaa maqaa, mallattoo fi suuraa waliin
  • Waraqaa Eenyummaa Yuunivarsiitii Minnesota, kolleejjii ykn kolleejjii teeknikaa

Sanadoota mirkanaa’an (tokko filadhaa)
Meeshaa elektirooniksii irratti agarsiifamuutu danda'a.

  • Baasii, herrega ykn ibsa tajaajila jalqabuu kan kaffalamuu qabu filannoo irraa eegalee guyyoota 30 keessatti kan:
    • Bilbilaa, TV ykn interneetii
    • Balfa jajjaboo, bishaan boollaa, elektirikii, gaazii ykn bishaan
    • Kaardii baankii ykn liqii
    • Kiraa manaa ykn liqii manaa
  • Waliigalteen liizii mana-jireenyaa ykn kiraa manaa hanga Guyyaa Filannootti hojiirra oola
  • Ibsa kaffaltii barataa kan yeroo ammaa

3. Filataa Galmaa'e Kan Haala Teessoo Keessanii Mirkaneessuu Danda'u

Filataan galmaa’e tokko naannoo keessan irraa gara bakka filannootti isin waliin deemuun kakaa haala teessoo keessanii mallatteessuu ni danda’a. Kunis ‘vouching’ jedhamuun beekama. Filataan galmaa’e tokko hanga filattota saddeetiitti wabii ta’uu danda’a. Namni tokko yoo wabii isiniif ta'e namoota biroof wabii kennuu hin dandeessan.

4. Waraqaa Eenyummaa Barataa Kolleejjii tarreeffama kan mana jireenyaa waliin

Kolleejjiiwwanii fi yuunivarsiitiiwwan qondaaltota filannootiif tarreeffama mana jireenyaa kan barattootaa ni ergu. Yoo tarreeffama keessa kan jirtan ta'e, galmee keessan xumuruuf suuraa Waraqaa Eenyummaa kan kolleejjii keessanii argisiisaa.

5. Galmee seera qabeessa persiniktii keessatti

Yoo persiniktii sanatti kan galmaa'e ta'e garuu maqaa jijjiirtan ykn persiniktii tokko keessatti bakka jirtanii sochootan, maqaa ykn teessoo keessan duraanii abbaa murtii filannootti himuu qofa isin barbaachisa.

6. Beeksisa Galmee Barfatee

Guyyoota filannoo 20 keessatti sagalee kennuudhaaf yoo galmooftan, Beeksisa Galmee Booda karaa poostaa argachuu dandeessu. Qabadhaa kottaatii akka ragaa mana jireenyaa keessaniitti itti fayyadamuun galmaa'aa.

7. Hojjetaa Dhaabbata Mana Jireenyaa

Yoo bakka jireenyaa keessa jiraattan, namni hojjetaa ta'e tokko isin waliin gara bakka filannootti deemuun haala teessoo keessanii mirkaneessuu danda’a. Kunis ‘vouching’ jedhamuun beekama. Namni hojjetaa ta'e tokko filattota ulaagaa guutan kanneen dhaabbaticha keessa jiraatan maraaf wabii ta’uu danda’a.