Minnesota Secretary Of State - Oromo
Skip to main content

Minnesootaa keessatti Filuu (Voting in Minnesota - Oromo)


Filannon amma! Yoo waraqaa filannoo of harkaa qabaatte, hanga danda’ametti dafii deebisi. Waan yeroon gabaabbatee jiruuf, waraqaa filannoo keessanii poostaadhaan HIN ERGINA

waraqaa filannoo keessanii qaamaan argamtanii waajjira filannoo kan waraqicha isiniif ergetti deebisuu dandeessu. Yoo qaamaan argamtanii deebisuu hin dandeeye taate, bakka filmaata dhayxanii filachuu ni dandeeysan. 

kaardiin qaamaan utuu hinargamin sagalee kennuu Guyyaa Filannoo, Sadaasa 3 tti, Sa’aati 3:00pm duratti waajjira filannoo keetii ga’uu qaba.

 

 

Hirmaannaa filannoo jiraattotaatiin, Minnesotaa #1 taasisuun eeguu fi tatamsa’ina COVID-19 yarsuuf hojjechuu!

 

Filuuf Galmaa'uu

Eenyutu filuu danda'a fi akkataa guyyaa filmaataa dura itti galmaa'an.

 

Filuu gaafa guyyaa filannoo

Guyyaa filannoo, akkataa itti filan, gargaarsa warra filaniif fi mirga warra filanii.

 

Akkaataa biraa itti filan

Dursi guyyaa filmaataa utuu achitti hin argamin fili, bakka loltuun jiranii fili, ykn biyya hambaati, fi akkaataa ganda keetti karaa poostaan filtu.

 

Eessatan fila?

Bakka itti filuun siif malu adda baafadhu. Odeeffannoon filmaataa guyyaa filannoo mootummaa fi federaalaa guyyaa 45 dursee argachuun ni danda'ama.

 

Waraqaa filannoo koo irra maaltu jira?

Fakkii waraqaa filannoo kaadhimamtoota agarsiisuu fi waraqaa filannoo gaaffii irratti filtu fudhadhu. Odeeffannoon isaa guyyaa 45 guyyaa filmaataa mootummaa fi federaalaa dura argachuun ni danda'ama.

Guyyaa Filannoo bara 2022

DURSAA FILADHAA

  • Xalayaadhaan ykn Qaamaan Waxabajjii 24 hang Hagayya 8 tti.
  • Adoolessa 19: Waxabajjii 19 dura galmaa’aatii guyyaa Filmaata Jalqabaa qusadhaa.

FILMAATA JALQABAA

  • Kibxata, Hagayya 9 (yoo barbaachise).

DURSAA FILADHAA

  • Xalayaadhaan ykn Qaamaan Fulbaana 23 hanga Sadaasa 7 tti.
  • Onkoloolessa 18: Onkoloolessa 8 dura galmaa’aatii Guyyaa Filannoo qusadhaa.

GUYYAA FILANNOO

  • Kibxata, Sadaasa 8

Waraqaa filannoo 2022 irra maaltu jira?

 Filtuun Minnesota hunduu waraqaa filanno isaanii irraa dorgomii Kanaan gadiiti jiru qabu:

Filtuu muraasa

  • Qondaaltoa ykn Komiishanii Kaawontii
  • Qondaaltota Magaalaa
  • Qondaaltota gandaa/Ona
  • Miseensa Boordii Mana Barumsaa
  •  Miseensota Boordii Hospitalaa
  • To'ataa Biyyoo fi Bishanii