Minnesota Secretary Of State - Gaafa guyyaa filmaataa filu (Election Day voting)
Skip to main content

Gaafa guyyaa filmaataa filu (Election Day voting)


Fuula kana irratti bakka itti filtu, maal akka fiddu, akkataa gargaarsa itti argatu fi akka filaati mirgi kee maal akka ta'e adda baafadhu.

Bakka fi yeroo filannoo

Bakka itti filtu adda baafadhu. Bakki filmaataa irra guddaan ganama7:00wd hanga 8:00wb ti banaadha.

Fiduun kan si malu

Bakka teessoo kee ammaatti filuuf yoo galmoofte, waraqaa eenyummaa fiduun sirra hin jiraatu. Yoo galma'uun ykn isa galmoofte fooyessuu feete, agarsiisuun ka sirra jiraatu utuu hin filin dursa teessoo kee ragaa mirkaneesu.

Filuuf gargaarsa gaaffadhu

Karaan itti gargaarsa argatan hedduutu jira. Nama si gargaaru fiduu dandeessa, daanyaa filannoo gaafachuu dandeesa, mashiinatti dhimma ba'uun waraqaa filannoo kee mallato itti godhuu ykn konkolaataa keessa teesse filuu.

gargaarsa maatii, hiryaa ykn olaa irraa

Akka filtuu si gargaaruuf maatii keessaa, hiryaa, ollaa ykn nama barbaade fiduu ni dandeessa. Kan ati gargaarsa irraa argachuu hin dandeenye, hojjisiisaa, waldaa hojjetootaa ykn kadhimammaa dorgomii irraati.

Gargaaraan kee kun haala filannoo kanaa hundumaa keessatti si gargaaruu dandaa'a, bakka keessa dhaabatanii filan dabalatee. Hata'u malee, warri nama gargaaran kun filmaata tokko keessati kallatiin nama sadii qofa gargaaru danda'u. Akka warqaa filannoo kee sirriitti mallateefame hubachuuf daanyaa filannooti agarsiisuu ni dandeessa.

Warri nama gargaaran filmaata ati gootu irratti dhiiba gochuu ykn akkaataa ati itti filtu namoota biraatti himuun hin danda'an.

Konkolaataa keessa taa'anii filuu

Yoo konkolaataa kee keessaa salphaati baatee bakka filannoo lixuun si rakkisa ta'e, waraqaan filannoo alatti akka siif dhufu gaafachuu ni dandeessa. Inni kun alatti (konkolaataa) kessatti filuu jedhama.

Daanyaan filannoo lama paarti siyaasaa beekamoo lama irraa waraqaa filannoo alatti konkolaataa keetti siif fidu. Akkasumas,yoo galmaa'uu ykn galmee kee fooyeffachuu feete,waraqaa iyyannoo siif fidu.

Erga filtee fixxee, daanyonnii filannoo waraqaa filannoo kee manatti ol galchanii saanduuqa filannoo keessa siif buusu.

gargaarsa mashiina waraqaa filannooti mallatoo godhu irraa.

Bakki filannoon itti geggeefamu irra guddaan mashiina waraqaa filannoo keeti mlatoo siif godhu qabu. Yoo qalamaan filuu hin andeesu ta'e (ykn hin barbaanne).

Mashiini kun katabbii waraqaa filannoo irra jiru guddisee agarsiisa ifas qaba. Akkasumas waraqaa filannoo irrati waan katabame siif dubisa karaa isa gurra keessa keeyatanii dhageefatanii.

waraqaa filannoo kee bireeliin guutu ni dandeessa, qubaan tuquun ykn ujumoo afaanitti keeyyataniin. Erga filmaata kee goote, waraqaa filannoo kee guutame siif baasa.

Gargaarsa daanyaa filannoo irraa

Daanyonnii filannoo kan isaan achi jiraniif toora filmaataa sana hundaa keessatti si gargaaruuf.

Yoo waraqaa filannoo kee mallatoo itti godhuuf gargaarsa barbaade, Daanyaan filannoo lama paarti siyaasaa beekamoo lama irraa si gargaaruu danda'u. Filmaata kee irratti dhiibaa si irraan ga'uu ykn namoota biraatti akkataa ati itti filte himuun hin hayyamamuuf.

Filuuf jiruu irraa boqonnaa fudhachuu

Filmaata mootummaa, federaalaa fi filannoo naannoo yroo hundaa saganteeffamee ta'u kaffaltiin, dhimma ofiif ooluu, ykn yeroo boqonnaa kee utuu hin tuqin mirga filuuf jiruu irraa boqonnaa fudhachuu qabda.

Hojjisiisaan kee boqonnaa kee irraa akka ati fudhatu si gochisiisuu hin danda'u.Hojjisiisaan kee ogaa ati dhaqxee filtu sa'a jiruun si saganteeffame irra yoo oole si kaffaluu qaba (Seera Minnesota 204c.04 fi 204c.08 kuta xiqqa. 1d ilaali).

Filuuf yeroo hanga si ga'u qofaa fudhuuti jiruutti deebi.

hojjisiisaan kee kalalattiin ykn harkka duubban si diduu, irraaa xiqqeesuu ykn mirga kana keessa seenu hin danda'u, akkasumas sa'a akkamii akka filuuf filate ilaalchisee.

Hojjisiisaan kee yoom akka ati deemtu si gaafachuu danda'a, inni kunis immoo bakka jiruuti jiruun akk hin miidhamneef jecha.

Waraabi xalayyaa kanaa hojjisiisaa keetti kennuu dandeesa, innis mirga kee filuuf jiruu irraa boqonnaa fudhachuu ibsa.

Hojjisiisaan seera kana cabbse yakkammaa yakka xiqqaa ta'a. Himati hojjetaan qabu abba alangaa kaawontiiti ghihaachuu qaba.

Mirga kee beeki

 

  • Filuuf jiruu irraa boqonnaa fudhachuu

    Kaffaltiin, dhimma ofiif oolu,ykn yeroo boqonnaa kee utuu hin tuqamin, mirga filuuf jiruu irraa boqonnaa fudhachuu qabda.
  • Yoo 8:00 wb dura toora irra jirta ta'e fili

    Mirga filuu qabda yoo 8:00 wb dura yeroo kamiin iyyuu toora irra jirta ta'e.
  • Dubachuun galmaa'uu

    Yoo katabuu hin dandeessu ta'e, mirga afaaniin eenyummaa kee mirkanneesitee nami biraan akka akka si galmeessuf gaafachuu ni dandeessa.
  • Gargaarsa gaafadhu

    Mirga eenyuun iyyuu gargaarsa gafachuu ni qabda, bakka bu'aa hojjisiisaa ykn warra waldaa hojetootaa, ykn kadhimamaa dorgommii irraa kan hafe.
  • Ijoollee bakka filmaataa fidi

    Mirga ijoollee kee bakka filmaataa fiduu ni qabda.
  • Erga adabbii yakkaan sitti murtaa'e fixxe fili

    Erga adabbii kee hundaa fixxe booda filuu ni dandeesa, ofeegganaa, jijjiirama agarsiisuun ykn haala biraan kan akka bakka buusuu.
  • Tiksa jala utuu jirtuu fili

    Mirga utuu tiksa jala jirtuu filuu qabda, yoo abban seeraa mirga kee hin mulqine ta'e.
  • Dhiibbaa tokko malee fili

    Bakka filmaataa nami jiru kamiyyuu dhiibaa tokko utuu sira hin geesissin filuun mirga keeti.
  • Waraqaa filmaataa ka biraa argadhu

    Yoo waraqaa filmaataa kee utuu filtee hin galchin dogoggora goote, mirga waraqaa filmataa ka biraa argachuu qabda.
  • Komee dhiheefadhu

    Yoo akkataa filmaani itti deemtu hin gammane, mirga komee kee barreeffamaan bakka filmaataa sanaatti dhiheefachu qabda.
  • Fakkatuu waraqaa filannoo fidi

    Mirga waraabii fakkatuu waraqaa filannoo bakka keessa dhabatanii filanittifiduu qabda.
  • Seera waa'ee mirga warra filanii fidi

    Mirga waraabii seera wa'ee mirga warra filanii bakka keessa dhabatanii filaniitti fiduu qabda.