Fuula kana irratti, eenyu akka filu bari akkasumas yoo xiqaate bultii 20fi jiraataa Minnesotaa ta'uu qabda.
Minnesota keessatti filuuf, lammii U.S. ta'uun dirqama, yoo xiqaate guyyaa filannoo umuriin kee 18 ta'u qaba,fi jiraataa minnesotaa bultii 20 ta'uu qabda.
Yoo yakkaan sitti murta'e, erga adabbii kee fixxe booda filuu ni andeessa,ofeegganaa, jijjirama agarsiisuun hikamuu ykn haala biraan kan akka bakka buusuu.
Tiksa jala utuu jirtuu filuu ni dandeessa, yoo abbaan seeraa mirga kee hin mulqine ta'e.
Bakka teessoo amma jiraattutti filuuf galmaa'uutu si'iira jiraata. Filuuf karaa onlanii afaan ingiliffaan galmaa'uu Ykn warqaa iyyannaa afaan Oromoon qophaa'e guuti.
Akkasumas guyyaa filannoo bakka filmaataa keetiiti galmaa'uu ni dandeessa. Ragaa maqaa fi teessoo kee ammaa mirkaneesu agarsiisuu qabda.
Yeroo teessoo kee jijjiirtu hundaa, maqaa jijjiiratu, ykn waggaa afur keessatti hin file yoo ta'e, deebitee galmaa'utu si irra jira. Iyyannoo galmaa'uu haara guutun galmee kee fooyessi.
Bakka itti filannitti guyyaa filannoo galmaa’uuf, raga bakka jireenyaa mirakneesu Kanaan gadditti jiran keessa tokko fidi
1. ID maqaa fi teessoo amaa qabu
2. ID Footoo qabuu fi ragaa maqaa fi teessoo kee ammaa qabu
Waraqaa suura qabu mirkanaa'e (tokko fili)
Yeroon irra darbuu danda'a
Ragalee mirkanaa'e (tokko fili)
Meeshaa eletrooniksii irratti mulachuun ni danda'ama.
3. Nama filuuf galmaa'ee teessoo kee mirkaneesuu danda'u
Nammi filuuf galma’ee naannoo filmaataa kee sana keessa jiraatuu bakka filmaataa si waliin dhaqee teessoo kee mirkaneesee kakkatee malateessuu danda’a. Kun wabii jedhama. Nammi iluuf galmaa’e nama filu sadeetiif wabii ta’uu danda’a. Yoo nammi siif wabii ta’e, ati nama biraaf wabii ta’uu hin dandeessu.
4. ID barataa koolejii galmee achi jiraachuu agarsiisu waliin
Koolejjii fi universitiin galmee jireenyaa maqaa baratootaa qondaalota filannooti ergu. Yoo galmee kana irra jiraate, galmaa'uu kee fixuuf, waraqaa eenyummaa koolejii suuraa kee qabu itti agarsiissi
5. Ganda sanatti sirriitti galmaa'u kee
Yoo naannoo (ganda) kee keessatti galmooftee garuu maqaa jijjiirate ykn teessoo kee ganduma sana keessatti jijjirate, gochuun kan si’irra jiraatu daanyaa filmaataatti maqaa ykn teessoo kee dura himuu qofa.
6. Beeksisa boodatti hafanii galmaa'uu
Yoo filuuf guyyaa filmaataa dura guyyaa 20 keessatti galmoofte, Beeksisa erga yeroon darbee galmaa’uu kennamu karaa mana poostaa si ergama ta’a. Isa siif ergamu kana akka ragaa bakka jireenyaatti itiin galma’uuf dhimmi itti ba’i.
7. Nama hojjeta bakka jireenyaa
Yoo bakka mana jireenyaa keessa jiraata ta’e, nama hojjetaa bakka kanaa ta’e, bakka filmataa si waliin dhaqee teessoo kee siif mirkanneessuu ni danda’a. Kun “wabii” ba’uu jedhama. Hojjetaan bakka kanaa namoota filuu danda’anii bakka kana jiraataniif wabii ba’uu danda’u.