Dursii kallattin dhaqii fili
Guyyaa 46 guyyaa filmaataa dursitee filannoo kee guyyaa filmaataa utuu achitti hin argamin filan gochuu ni dandeessa.
Waajira filmaataa ganda keetii beeki
Dursii karaa mana poostaa fili
Akkasumas waraqaan filannoo guyyaa filmaataa utuu achitti hin argamin filan karaa mana poostaa akka siif ergamu iyyachuu ni dandeessa. Waraqaa filannoo kee guyyaa filannoo dura deebisuu qabda.
Qajeelfama akkataa dursanii karaa mana poostaa filan
- Wagaa sana keessa yeroo kamiyyuu waraqaa filannoo karaa mnvotes.org tiin gaafachuu ni dandeessa.Qondaaltoti filannoo filmaataaf wantoota barbaachisan oggaa waraqaan filannoo qopaa’utti siif ergu (guyyaa isaa baruuf duuba isaa ilaali).
- Qajeelfama waraqaa filannoo waliin dhufe eeganaan dubbisi! Yoo unkaa hundaa sirriiti hin guunne ta’e waraqaan filannoo kee hin lakaa’amu.
- Yeroo isin sagalee keessan kennitanii fi waraqaa filannoo keessanii guuttanitti dhuga-baatuu isin barbaachisa. Dhuga-baatuun kunis nama filannoof galmaa’ee jiru ykn aangawaa mootummaa (notary) ta’uu danda’a. Dhuga-baatuun keessan poostaa kan mallattoo irratti mallatteessuu fi teessoo isaaniis caqasuu kan qaban ta’a.
- Yoo filuuf hin galmoofne ta’e, iyyannoo ittin galmaa’an wantoota sikennaman keessatti argata. Galmaa’uuf, dhuga baatu keeti waraqaa eenyummaa qajeelfama keessatti tareefaman keesa tokko agarsiisi. Dhuga baatuun kee waraqaa eenyummaa
isa kamiin akka itti agarsiifte poostaa mallattoo kee irratti mulisuun dirqama
- Akkuma xumurtaniin, waraqaa filannoo fi unkicha karaa poostaa deebisaatii ergaa. Dabalataanis, waraqaa filannoo keessanii qaamaan argamtanii waajjira filannoo kan waraqicha isiniif ergetti deebisuu dandeessu.
Waraqaan filanno kee eessa akka ga'e duuka bu'i
Waraqaan filannoo utuu guyyaa filmaataa achitti hin argamin filan hundi yoo yeroon ga'e fi unkaan isaa qajeelaati guutame ni lakka'ama.
Waraqaan filannoo kee maal irra akka ga'e duuka bu'i akka inni achi ga'ee lakkaa'ame mirkaneeffadhu.